Dogoggora Odeeffannoo fi Odeeffannoo Fakkeessaa (Fake News): Rakkoo Hawaasa Dijitaalaa Keessa Jiru

 

Dogoggora Odeeffannoo fi Odeeffannoo Fakkeessaa (Fake News): Rakkoo Hawaasa Dijitaalaa Keessa Jiru






Dogoggora Odeeffannoo fi Odeeffannoo Fakkeessaa (Fake News): Rakkoo Hawaasa Dijitaalaa Keessa Jiru


Yeroo ammaa kana, interneetii fi miidiyaa hawaasaa fayyadamuun jireenya keenya keessaa gumaacha olaanaa qaba. Odeeffannoo argachuuf yeroo dheeraa hin fudhannu. Garuu rakkoon guddaan amma  mudachaa jiru keessaa inni tokko *odeeffannoo dogoggoraa fi odeeffannoo fakkeessaa (fake news)* dha.

*Fake News jechuun maal jechuudha?*

Fake News jechuun odeeffannoo dhugaa hin taane, dogoggoraa, yookaan yaada tokko tamsaasuuf qophaa’ee hawaasa biratti dhugaa fakkeessuun qoodamu jechuudha. Kuni sababa siyaasaa, dinagdee, amantii ykn yaada dhuunfaa tamsaasuuf ta’uu danda’a.

*Odeeffannoo Fakkeessaa akkamitti adda baafna?*

Namoonni baay’een wanta miidiyaa irratti argan ykn dubbisan sirnaan qorachuu dhiisanii, yeroo mara dhugaa jedhanii fudhatu. Kuni garuu rakkoo cimaa fida. Odeeffannoo dhugaa fi sobaa adda baafachuuf:
- *Madda odeeffannoo ilaali* – Eenyutu barreesse? Meeshaa beekamaa fi amanamaa irraa ta’ee jiraa?  *Guyyaa fi yeroo Odeeffannoon sun yeroo kam irratti maxxanfame? Haala yeroo waliin wal simataa?
- *Kaayyoo isaa hubadhu* – Maal tamsaasuuf qophaa’e? Namoota kakaasuufii?

*Fake News maal miidha?*

1. *Dogoggora murtii namaa* – Namni odeeffannoo dogoggoraa irratti hunda’ee murtii dogoggoraa ni taasisa.
2. *Waliigaltee hawaasaa balleessa* – Amantii fi walhubannaa hawaasaa keessaa balleessa.
3. *Rakkoo siyaasaa fi amantii kakaasa* – Gufuulee nageenya fi araaraa ta’uu danda’a.
4. *Miidhaa dhuunfaa fi maqa balleessii nama irratti fida.*

*Akka dhuunfaatti maal gochuu dandeenya?*

- Wanta dubbifne yookiin argine sirnaan qorachuu.
- Odeeffannoo madda hin beekamneen hin qooduu.
- Nama biraa gorsuu fi hubannoo kennuu.
- Yeroo barbaachisu odeeffannoo sobaa gabaasuu saaxilu

---

*Xumura irratti*, miidiyaa hawaasaa fayyadamuun mirga keenyaa dha. Garuu itti fayyadamuun itti gaafatamummaa barbaada. Odeeffannoo tokko qooduu dura, itti fufiinsaan qorachuu fi hubachuu feesisa. *Dhugaa beekuuf carraaqqii gochuun dirqama keenya,