🔐 Telegram Account Kee Yoo Hatame: Akkamitti Deebifachuu Dandeessa?
Yeroo ammaa kana namoonni tokko tokko Telegram account nama erga hatanii booda maqaa isaanii fayyadamuun odeeffannoo .sobaa. linkii balaa qabu ykn ergaa nama dogoggorsu tamsaasaa jiru. Yoo Telegram accounti kee irratti rakkoon akkasii uumame hin rifatin. Tarkaanfii sirrii fi saffisaa fudhachuun account kee deebifachuu fi nageenya isaa cimsuu dandeessa.
🔐 Tarkaanfii 1 —➡️ Lakkoofsa Bilbilaa Kee Eegi
Jalqaba irratti lakkoofsa bilbilaa kee nageenya isaa mirkaneessi.
- Yoo SIM card kee ammallee harkaa qabaatte nama biraatti hin kennin.
- Yoo namni biraa SIM card kee to'ate sitti fakkaate dhaabbata ethio telecom kee battalum qunnamiitii SIMi kee akka cufamu gaafadhu.
- Telegram irraa login code siif ergamu nama kamiifuu hin kennin.
📱 Tarkaanfii 2 —➡️ Telegram Keessa Seenuu Yaali
Telegram app baniitii lakkoofsa bilbilaa kee galchi. Sana booda login code siif ergamu galchi.
Yoo account kee keessa seenuu dandeesse:
Settings → Devices
seeni.sana booda
Namni ati hin beekne yoo argite, Terminate All Other Sessions filadhu. Kun namni account kee to'achuuf itti fayyadamaa jiru keessaa akka ba'u si gargaara.
🛡️ Tarkaanfii 3 —➡️ Two-Step Verification Hojii Irra Oolchi
Account kee erga deebifatte booda nageenya isaa cimsuun baay'ee barbaachisaa dha.
Settings → Privacy and Security → Two-Step Verification
seeniitii password cimaa haaraa uumi
Password kee:
- Nama kamiifuu hin himin.
- Bakka biraatti password wal fakkaataa hin fayyadamin.
- Yoo danda'ame recovery email itti dabali.
🚨 Tarkaanfii 4 —➡️ Namoota si wolin bilbilaa kee ilaalan Akeekkachiisi
Namni account kee hatu maqaa keetiin maallaqa gaafachuu linkii sobaa erguu ykn odeeffannoo sobaa maxxansuu danda'a.
Kanaaf hiriyyoota maatii fi namoota si hordofan karaa biraatiin akeekkachiisi namoonni bilbila kee ilaalan akka of eeggatanuuf
Yoo hatamte
Telegram account koo yeroo ammaa rakkoo keessa jira. Ergaa, linkii ykn gaaffii maallaqaa maqaa kootiin isinitti dhufu hin amanaa jedhiin
Kun namoonni akka gowwoomfaman ittisuuf gargaara.
🧾 Tarkaanfii 5 — Ragaa Hunda Kuusi
Odeeffannoon sobaa maqaa keetiin maxxanfame yoo jiraate, ragaa isaa balleessuu irra kuusi.
Fakkeenyaaf:
➡️- 📸 Screenshot godhi.
➡️- 🔗 Linkii post sanaa kuusi.
➡️- 👤 Username ykn maqaa account sanaa barreessi.
➡️- 🕐 Guyyaa fi sa'aatii itti maxxanfame galmeessi.
Ragaan kun yeroo account kee deebifattu ykn gabaasa dhiyeessuu barbaaddu si fayyada.
🚫 Tarkaanfii 6 — Account Sobaa Report Godhi
Yoo namni tokko maqaa fi suuraa kee fayyadamuun account sobaa banate account sana Report godhi.
Namoota si beekanis account sobaa sana akka report godhan gaafachuu dandeessa. Kun namni sun maqaa kee fayyadamuun namoota biroo akka hin gowwoomsine gargaaruu danda'a.
🔑 Tarkaanfii 7 — Yoo Telegram Keessaa Baafamte
Yoo hackerin sun sessions kee keessaa si baase, garuu SIM fi lakkoofsa bilbilaa kee ammallee ati qabda ta'e, Telegram irra deebi'ii baniitii lakkoofsa kee galchuun login yaali.
Yoo Two-Step Verification password si gaafate, recovery option yoo jiraate fayyadami.
📞 Tarkaanfii 8 — Yoo SIM card Kee illee To'atame
Yoo SIM card kee illee namni biraa to'ate, kun tarkaanfii ariifachiisaa barbaada.
Dhaabbata Ethio telecom kee qunnamiitii:
SIMi kee cufsiisi → SIMi haaraa lakkoofsauma sana qabu gaafadhu → sana booda Telegram irratti login irra deebi'ii yaali.
⚠️ Waan Baay'ee Barbaachisaa Ta'e Tokko
Telegram login code kee nama kamiifuu hin kennin.
Namni tokko:
Ani Telegram Support irraa dhufeera; code kee naaf ergi
jedhee yoo si gaafate, hin amaniin.
Akkasumas password, 2FA code ykn koodii mirkaneessaa account kee nama biraatiif hin kennin.
✅ Gabaabumatti
Yoo Telegram account kee hatame:
SIMi kee eegi → Account keessa seenuu yaali → Devices ilaali → Sessions hin beekamne cufi → Two-Step Verification qopheessi → Namoota akeekkachiisi → Ragaa kuusi → Account sobaa Report godhi.
Nageenya account kee eeggachuun yeroo hunda, rakkoo erga uumamee booda furuu caalaa salphaadha.dura of eeggachun furmaata
Telegram accountin kee hatame hackerin sun odeeffannoo sobaa maxxansaa jira jechuu yoo barbaadde Telegram Support irratti gabaasu dandeessa haala kanan
👇👇👇
Hello Telegram Support,
I’m the owner of this Telegram account, but unfortunately, my account has been hacked and someone else has gained access to it without my permission.
The person who took control of my account is using my name to post false and misleading information. They may also be sending messages or sharing content that could confuse or mislead people who know me.
I’m very concerned because this activity is happening without my knowledge or approval. I kindly ask you to help me recover and secure my account and prevent the unauthorized person from continuing to use it.
Here are my account details:
- Phone number: [Your phone number]
- Username: [Your Telegram username]
- Name: [Your name]
I’m ready to provide any information needed to verify that I’m the rightful owner of the account.
Thank you for your help and support.
Yeroo hunda musatip.com hordofa

Social Plugin